“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti Daawitiif”
Bitootessa 26
Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
Faaruun kun guyaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara
Iyyarusaaleemitti yemmu galu faarfannaa faarfatamedha.Faarfannaan isaas
“Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” “Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu kan
eebbifamedha, Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” kan jedhu ture.
Wangeelli
guyyaa kana dubbifamus kan akkas jedhuhd:- “Gooftaan keenya Iyyasuus
gara Iyyarusaaleemitti dhiyaatee gara dabra Zayitii fi Beeta faagee
gahe.( Maat.21:1) irraa eegalee kan jirudha. “Iyyarusaaleem” jechuun
“Magaanaa nageenyaa” jechuudh. “Beetafaagee” jechuun ammoo “Mana
Balasii” jechuudha. Abbootiin keenya ammoo “Daandii qaxxaamurame”
jechuudhaan hiikaniiru.
Gooftaan
keenyas duuka buutota Isaa keessaa lamaan isaanii ergee “Gara magaala
fuuldura keessan jirtuu deemaa bakka sanattis harree hidhamte ilmoo
ishee wajjin argattu hiikaatii naaf fidaa; eenyumtuu yoo isin gaafate
Gooftaadhaaf ni barbaachisa jedhaan” jedhee itti hime.
Duukabuutonni
Isaas hiikanii fidaniif. Hojiin duukabuutotaa warra hidhaman sagalee
wangeelaatiin hiikuudha. Kunis seexanoonni; afuurri harfaa’aadhaan kan
hidhamanii jiran baay’eedha waan ta’eef duukabuutonni,warren bakka
duukabu’ootaa bu’uun muudaman luboonni cubbuu namootaa hiikuudhaan gara
mootummaa Waaqayyootti nama dhiyeessu.
Sagaleen
raajii kan raajicha Zakkaariyaasiin dubbatame akka raaawwatamuuf
Gooftaan Harree sanaa fi Ilmoo harree sana irra akka bahuuf (yaabbatuuf)
uffata dugda harree sana irra buusani ( Zakk. 9:9 ). Kan isaan uffata
afaniifis Iyyasuus Kiristoos kan cubbuu addunyaa kan balleessu waan
ta’eef uffanni akkuma qaama qaanii namaa haguugu Atis cubbuu fi badii
keenya nuuf haguugda jechuudhaan uffata afaniif.
Harreen
kan tuffatamtedha; Waaqayyo warra lapheen isaanii cabe, warra gadi
ofqaban akka filatu agarsiisa.( Isaa. 53:23,Maat. 11:29, Faar. 50:17-18)
Uummannis
uffata isaanii lafarra afaniif:- kunis ati mootiidhaatii si qofa osoo
hin taane harreen ati yaabbatte illee lafarra deemuu hin qabdu jechuun
uffata isaanii of irraa baasanii lafarra afani kabaja mootiidhaaf malus
kennaniif ( 2Moot. 9:13).
“Hoosaa’inaa
aariyaamirratti” jechuudhaan faarfannaa dhiyeessaniif. “ Hoosaa’inaa”
jechuun “ Amma fayyisi” jechuudha. Sagalichif Faarfannaa Daawit irratti “
ኦእግዚኦአድኅንሶ”
“ Yaa Gooftaa Amma fayyisi” jedhamuun dubbatameera. ( Faar. 117:25)
jechi “ Aariyaami irratti” jedhu ammoo samii bakka bultii Waaqayyoo kan
agarsiisudha. Kanaafuu Yaa Waaqayyo isa samiirra jiraattuu; yaa qoricha
isa samiirra jiraattuu amma fayyisi, dhiifama taassisi” akka jedhan
faarfachuu kan agarsiisudha.
Iyyi
isaaniis kallattii lamaan ilaalamuu danda’a: gama tokkoon gita bittaa
Roomaa jalaa bilisa nu baasi jechuun boo’icha foonii kan iyyan ta’uu kan
agarsiisu yoo ta’u, gama biraatiin ammo du’a foonii fi du’a lubbuu
irraa nu baraari, nu fayyisi jechuun faarfachuu isaanii kan
hubachiisudha. Gama biraatiin faarfannaa isaanii keessatti wanti
hammatame jecha “ Ilma Daawit” jedhudha. Kunis fayyisaan dhufu Isa ta’uu isaa uummanni baranii eegaa turuu isaanii kan ibsudha. ( Maat. 12:23, 20:30)
Bifa
kanaan Fayyisaan gara iyyarusaaleem yemmu galu magaalattii guutuun “
kuni eenyudha?” jechuudhaan dhiphatani. “ Kunoo Kiristoos Isa galiilaa
irraa dhufudha” jechuudhaani.
Kana
booda gara mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa sana dula
namoonni mana daldaalaa taassisanii turan qulqulleesse, warren achi
keessatti daldaalaa turanis mana qulqullummaa Isaa keessaa baasee ari’e.
“Manni koo mana kadhannaati; isin qaalaa saamtotaa taassistanii” jedhee
ifatti isaan qeeqe.
Namoota
naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dhukkubsattoota, warra ijji
isaanii jaame, warren gurri isaanii dude, warren miilli isaanii naafate
hunda fayyise. Garuu Luboonni Yihudootaa warri sammuun isaanii dude hin
fayyine. Yeroo daa’imtoonni iyyarusaaleem “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif”
jedhanii faarfatan barattoonni isaaniis daa’imtoota kanneen wajjin waan
faarfataniif ijji isaanii dhiiga uffatee Gooftaadhaan “isaan kun immoo
kan jedhan hin dhageessuu? Callisaa jedhiin” jedhanii gaafatani.
Gooftaanis “ Isaan yoo callisan illee dhakaan ka’ee naan faarfata,
kanumaanuu immoo raajii Daawitiin Afaan daa’immanii irraa galata naaf
qopheessite jedhamee isa dubbatame hin yaaddattanii?” ( Faar. 8:2)
jedheen.Warreen nuti sammuu qabna jedhan lapheen isaanii yemmuu
jaamu,afaan daa’immanii garuu faarfannaa roobsa ture.
Egaa
guyyaan kun guyyaa Gooftaan keenya gara iyyarusaaleem deemuun mana
qulqullummaa Isaa keessaa daldaaltotaa fi warren maallaqa jijjiiran
ar’ee mana Isaa kabajedha. Guyyaa kana abbootiin mana kiristaanaa
“Hoosaa’inaa Ariyaam irratti Ilma Daawitiif” jedhanii faarfannaa fi
yeedaloodhaan faarfataa bulu.
No comments:
Post a Comment