1.1. አዕማደ ምስጢር/ICCITIIWWAN UTUBAA/
W
aa’ee iccitii utubaa waliin dubbachuun dura hiikaa<iccitii>fi <<utubaa>>jedhu beekun barbaachisaa dha.
A, iccitii/ምስጢር/፡-dhokse,wal jala dabarse ,ykn yaadaa fii jecha dhokataa jechuudha.akkasumas jecha gi’izii <<አመስጠረ (ሰጠረ)>> jedhurraa kan argame yoo ta’u hojii waaqummaa,dhokata afuurummaa, kan hin muul’anne, kan hin beekamne kan amanamu fi kan ajaa’ibsiifamu jechuudha.kana jechuunis ija fooniin kan hin muul’anne garuu ija amantaan kan muul’atu jechuudha.kan biraas Eeyyamafi arjummaa waaqayyoon malee ilmoon namaa ogummaa isaatiin qoratee bira ga’uu fii beekuu kan hin dandeenye jechuudha.
Iccitiin kunis: kan uumaafii kan uumamootaa jedhamee bakka lamatti qoodama.
1) Iccitii uumamaa:-kunis iccitii namaa fii iccitii Ergamtootaa jedhamee bakka lamatti qoodama.
Ø Iccitii ergamootaa:-namni waa’ee ergamootaa kan beeku waaqayyoon jaalatee fi eeyyamee kitaabota qulqulluun hanga ibseef qofa. /iz.sut:2:21-24/
Ø Iccitii namootaa:-namoonni lapheesaanitti dhoksanii kan qabatan ykn nama lamaafii lamaa ol gidduutti yeroodhaaf dhoksaan kan qabamu yoota’u adeemsa keessa suuta suuta ifa kan ba’uu fii kan hiikkatu akkasumas kan beekamu jechuudha./mat:10:26
2) Iccitii uumaa:-dandeettii humna namaatii ol waan ta’eef Eeyyama waaqayyoon ala kan hin ibsamne. sammuun ilma namaa yaade fii qoratee bira gawuu kan hin dandeenye fagoodha/ረቂቅ ነው/ waan ta’eef jiraachuun waaqayyoo, hojiin waaqayyoo, walumaa galatti iccitii waaqayyoo jedhama.
Iccitii jedhamuun isaas:-
v Hammi nuti beeknuyyuu hanga waaqayyoon nuuf ibse qofa ta’uusaani.
v Barannee fii beeknee bira gawuu kan hin dandeenye ta’uusaan. keessattuu qorannoo fii ogummaa fooniin,hubachuun kan hin danda’amne waan ta’eef
v Iccitiin uumaa/waaqayyoo/ kan ibsamu warren amanan kiristaanotaaf qofa ta’uusaani, ykn kan amananii malee- kan hin amannee dhokataa ta’uusaani.
B. utubaa/‹‹አምድ››/bu’uurri jecha kanaa afaan gi’iizii yoo ta’u oromiiffaan garuu hiika lama qaba ijaarsa manaaf yoo ta’u,<<Aa’imaad>> jechuun immoo utubaawwan jechuudha
F Iccitiiwwan utubaa /አእማደ ምስጢር/:-jechuun bu’uura mana kiristaanaa jechuu dha. Sababnisaas manni amantaa keenyaa iccitiiwwan kanaan ala dhaabachuu hin dandeessutii. Iccitiiwwan kunis;
Y Iccitii sillaasee/ምስጢረ ስላሴ/
Y Iccitii foonummaa/ምስጢረ ስጋዌ/
Y >> cuuphaa/ምስጢረ ጥምቀት/
Y >> qurbaanaa/ምስጢረ ቁርባን/
Y >> du’aa ka’umsaa/ምስጢረ ትንሣኤ ሙታን/ jedhamuun beekamu./1qor.14:19/
Manni utubaa malee akka hin dhaabanne fi hin ijaajjine hunda jiraachuun mana kiristaanaas iccitiiwwan shanan kanaan ala gatiin baasu.
Eenyuyyuu amala waaqummaa sillaasee qorachuu fi bira gawuu yoo barbaade daangaa beekumsaa kana darbee beekuu hin danda’u. Kana caalas qorachuu waan hin dandeenyeef, yaada sammuu keenyaa ol waan ta’eef, haguma kana qofa akka beeknuuf waaqayyoon kitaabasaarratti eeyyama. /rom: 12:3 /
Sabni kiristaanaas hundi iccitiiwwan shanan kana akka eeyyama waaqayyootti beeku fi warren hin beekne beeksisuun irra jiraata. Akkasumas iccitiiwwan Kun <<aa’imaad>> jedhamuunsaanii akka utubaatti laphee warra amananii Kan jabeessani waan ta’eefi,Faalla’uu fi shakkiirraa Nama eegu waan ta'eefi, Akkasumas manni utubaa hin qabne akkuma of baachuu dadhabee kufu Iccitii utubaa namni amanuun hin bariinifi hin beekin tokko amantaa keessa hin turu hin kufa.harka diinotaattis ni kennama.
Hunda dursuunis Iccitii sillaasee beekuun barbaachisaa dha. Akka abbaan keenyaa qulqulluun qeerloos <<hunda dursinee tokkummaaf sadummaa sillaasee barsiisna>> jedhetti.
No comments:
Post a Comment