Popular Posts

Iccitiiwwan Utubaa/ Iccitii "SILLAASEE" /

                     1//፣1-ICCITII SILLAASEE/ምስጢረ ሥላሴ/

Sillaaseen afaan gi’iizii‹‹ሰለሰ›› sadeesse jedhurraa Kan dhufee yoo ta’u Hiikni maqaa kanaas: sadummaa, sadi ta’uu jechuu dha.
Lammii biyya qisaariyaa Kan ta’e qulqulluun baasliyoos‹‹እንዘ አሐዱ ሰለስቱ ወእንዘ ሰለስቱ አሐዱ››akkuma jedhettii.
Kanaafuu iccitiin sillaasee Iccitii adda taateen, waaqummaa hin qoratamneen, addunyaan dura kan turan, har’as kan jiran, gara fuuldurattis addunyaa/baroota/ dabarsuun kan jiraatan abbaa{አብ}, ilma{ወልድ}, afuura qulqulluu{መንፈስ ቅዱስ} tokkummeessuun, waaqayyo tokko akka ta’an kan nuuf ibsuu dha
Gaaffii-1.Sillaaseen meeqa?
Deebii-1. Sillaaseen tokkos sadi’isi.
Sadummaan isaanii akka maali yoo jedhame ;sadummaan saanii:-
Maqaan/በስም/:- yoo jennu abbaan maqaa of danda’u yoo qabaatu abbaan abbaa jedhama malee ilma afuura qulqulluu hin jedhamu, ilmis akkasuma maqaa ilma jedhamuun waamama malee abbaa afuura qulqulluu hin jedhamu, afuurri qulqulluunis afuura qulqulluu jedhama malee abbaa ilma hin jedhamu. Sababanisaas akka tokkummaaf sadummaasaanii wal jala jijjiiruu hin dandeenye maqaasaaniis wal jala dabarsuu hindandeenyu. Kana jechuun immoo:abbaadhan ilma jechuu hin dandeenyu ilmaan abbaa  jechuu hin dandeenyu afuura qulqulluunis abbaa ykn ilma jechuu hin dandeenyu
Qaaman /በአካል /:- akka maal sadi ta’u yoo jenne; sadansaaniyyuu kopha kophaatti qaama mataasaanii qabu innis abbaa ilma fi afuura qulqulluu jedhamuun maqaan waamaman
Hojiin /በግብር /:- Hojiin abbaa dhaluu yoo ta’u Hojiin ilmaa dhalachuu, kan afuura qulqulluu argamuu dha. Hagamuma abbaan ilma dhale jennullee akka barmaatii ilma namaatti osoo hin taane, biyya lafaan dura abbaarraa haadha malee yoo dhalatu addunyaadhan booda garuu ilmoo nama kan taatu haadha keenyaa qulqulleettii dubroo maariyaam irraa abba malee Iccitii guddaa ta’e, qoratamee bira gawuu hin danda’amneen mooraa sa’aa keessatti dhalate.
Ta’umsaan /በኩነት / :-sadansaaniyyuu maqaa ta’uumsaa of danda’e qabu:-
Abbaa= laphummaa/ለባዊ(ልባዊ)/
Ilma= jechummaa /ቃልነት/
Afuurri qulqulluun=/እስትንፋስነት/ Kanaafuu qaamman sadan sadummaa adda taateen eeyyama isaanitiin Kan barbaadan hojjachuu ni danda’u Akkasumas eeyyamni Isa tokkoo eeyyama Isa biraati, yaadni isaanii hundi kan waliiniti. Kanaafuu maqaan sillaasee jedhu sadaniifuu erga tokko kan waamamuu dha. /ጥበብ፡6፡6፤ሲራክ.3፡22፤ 15፡17 ፤39፡21፤ 44፡10፤ ሄኖክ.5፡38፤ 6፡24፤ 13፡14፤ 17፡17፤ ዕዝ.ሱቱ.4፡5፤ 12፡48/

Tokkummaan isaanii akka maal yoo jedhame :-
Amalaan/በባሕሪይ/ yoo jennu; akka daa’imni lakkuu dhalatan tokko Hagamuma bifaan wal fakkaatanillee amallisaaniin gar gar ta’an, amalli sillaasee akkasii miti amalli abbaa amala ilmaati /isa abbaan yaadu ilmis ni yaada. Sadummaa adda taateen agarrullee sadummaa amalaa hin qaban. Kanas kan beekuu dandeenyu fknf mootileen aangoo tokko qaban sadi waliin osoo jiraatanii yaadni sadan isaanii gar gar ta’uusaa /inni tokko addunyaa nan uuma yoo jedhe inni kan biraammoo faalleffachuu danda’a/ Sillaaseen garuu akkasii miti.bara biyya lafaa hin uumna jedhanitti, bara ilma nama hin uumna jedhanitti,sadummaaf tokkummaan <<fakkiif boca keenyaan ilma namaa hin uumna/ንግበር ሰበኣ በአርኣያነ ወበአምሳሊነ/>> jedhan malee wal ajajuun miti. Jechi kun tokkummaasaanii qofa osoo hin taane sadummaasaanis ni ibsa, hin uumna jedhan malee nan uuma hin jenneetii.          
Wal qixa jiraachuun/በህልውና/ wal qixa jiraachuusaanii ibsuuf kitaabni qulqulluun dursa waaqayyoon samiif lafa uume jechuun sadan isaanii maqaa tokkoon waama,Akkasumas abbaan ilma dhale jennullee,  abbaan ilma dura sa’a tokkollee hin jiru. Iccitii jedhamuun isaas sababa kanaafi.
Waaqummaan/በመለኮት/sadansaaniyyuu maqaa tokkoon yoo waamnu ‘waaqayyo’ jennaani, sadansaaniyyuu sadummaa adda taateen sadi’I jennuuniyyuu: yaadaan Amalaan/kabajaan/ wal-qixa.  
Eeyyamaan /በፈቃድ/eeyyamni abbaa kan ilmaas kan afuura qulqulluusi mat:1-dhum
Angoodhan/በስልጣን/abbaan ilma dhalullee abbaan ilma hin caalu afuurri qulqulluunis abbaaf ilmaa gadi miti sadansaaniyyuu aangoo qixa qabu malee.
Ta’uumsaan/በኩነት/isa abbaan ta’uu danda’u ilmis af/qulqulluunis ni danda’aatii.
Ajajuu, keennuu, fudhachuunifii k.k.fakkaatuun tokko ta’u.
Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu shakkitoonnii fi shakkisiistonni Akkasumas shorarkeessitoonni tokko tokko warraaqsa sobaa saba keessatti faffacaasan keessaa inni tokko Sillaaseen sadi ta’uu dhiisuusaaniitiifi jechoonni asii olitti ibsaman hundi; tokkummaasaanii hin ibsan; jechuusaaniti. Keessattuu<<Nama fakkiif boca keenyaan haa uumnu>> jechi jedhu:-of kabajuuf jecha dubbatame jedhu.  Nutimmoo barumsa abbootii keenyarraa arganneen:-
Mootichi gibtsii fara’oon:- yooseef aangoosaarratti ennaa shoometti <<…..ati manaa fii bittaa kiyyarratti shoomami Saboonni koo hundi jecha keef haa ajajaman; ani Aangoo koon qofan si caala>>. <<lafa gibtsii hundarratti si shoomeen jira >>jedheen malee <nuti si shoomnee jirra> hin jenneeni sababnisaas namni tokko of kabajuuf <nuti> jedhe dubbachuu waan hin dandeenyeef ./seer-uum:42:39-41/
Mootichi baabiloon naabuukadanatsoor:-<<ani naabuukadanatsoor mana kootti gammadee, gola kootti natti tolee ture .abjuus abjoodhe isheenis na sodaachiste …..kanaaf hiikaa abjuu koo akka naaf ibsan, beektonni baabiloon hundi gara koo akka seenan nan ajaje >> jedhe malee<kara keenyaa akka seenan ajajne> hin jenne./daan:4:4-6/
Mootonni faaris :-mootichi qiroos/izra:1:1-4/fii mootichi daariyoos/izra:6:1-12/ dubbiileen dubbatan armaan dura jechoota ilaalleen wal fakkaatu. Kanaafuu kitaaba qulqulluu keessatti mootileen ibsaman ofiisaanii lakkoofsa baay’een <nuti> jedhanii yeroon itti dubbatan jiraachuu dhiisuusaarraa yaadni fii dubbiin shakkitootaa yoomiyyuu kan omaa hin baasnee fii kan gatii hin qabne/ከንቱና፤ርካሽ/ ta’uusaa hubachuun ni danda’ama.
Sillaasee baroota dura eenyutu galateeffachaa ture? yoo jedhame
Waaqummaansaanii waaqummaasaanii galateeffachaa ture akkuma har’aa hunda tokkummaaf sadummaan galateeffatamaa turan. Biyya lafaa dursa<<uumamoota uumnerraa galata kan eegannu miti galanni keenyas waaqummaa keenyaa irraa nuuf qophaa’a>>/qale ,<<galannisaa isarraayi >>/qid-yoh/ akkuma jedhetti.
Waaqayyo gooftaan akkana jedhee dubbate:-<<namni kophaasaa ta’uun gaarii miti,gargaartuu itti tolu yaa uumnuf>> seer-uum:2:18
<Waaqayyo gooftaan akkana jedhe> jechi jedhu tokkummaasaa, <<gargaartuu yaa uumnuf >>kan jedhummoo sadummaasaanii agarsiisa.
Waaqayyo gooftaanis hin jedhe:-<<kunoo addaam gaarif yaraa beekuuf nu keessaa akka tokkoo ta’e>>/seer-uum.3:22/
<Waaqayyo gooftichis ni jedhe>:-kan jedhu tokkummaasaa << nu keessaa akka tokkoo ta’e>> kan jedhummoo sadummaasaat agarsiisa.
……waaqayyos ni jedhe<<kunoo isaan saba tokko, hundisaaniyyuu loqoda tokko qabu. Koottaa hin buuna tokko kan tokkoo akka hin dhageenye loqodasaanii wal keessa haa maknu>>/seer-uum:11:1-11/.
<Waaqayyos hin jedhe> Kan jedhu tokkummaasaa, <<koottaa hin buuna loqodasaanii wal keessa haa maknu >>Kan jedhummoo sadummaasaat ibsa.
Iccitii sillaasee kan hin amanne kan hin eebbifamiin mormitoonni/መናፍቃን/ jecha kana dabsanii <<koottaa hin buuna >>jedhee kan waame waaqayyo yoo ta’u, kan waamaman garuu Ergamtoota waaqayyooti jechuun yaada utubaansaa dogongoree dhiyeessu.waaqayyoon waaqummaa isaatiin dhadhabbii kan hin qabne gargaarsa Eenyuyyuu kan hin barbaanne waaqa hunda danda’u ta’uusaarraa kan ka’e kaabii sanaa’oor/የሰናኦር ግንብ/ diiguuf gargaarsa ergamtootaa gaafate namni jedhu kan hin amanne, ganaa ta’uusaaf raga dhiyeessuun hin barbaachisu.
  Kanaafuu <<koottaa hin buuna loqodasaanii wal keessa haa maknu>> kan jedhan kan muul’isan qul.sillaasee malee ergamtootasaa ta’uu dhiisuunsaa kiristaanotaaf ifa bayee kan muul’tee dha.
   Ergamtootasaammaa <<deemaa,kana kana raawwadhaa, hojjadhaa jedhee ajaja malee gargaarsasaanii barbaadee, akkana ykn akkas goona jedhee hin mari’atu/hin gaafatu/waaqummaasaan dadhabbii hin qabuutii.    
Iccitiin sillaasee nama amantaa guddicha/አበ ብዙሃን (qul-abrahaamiif)/bifa amansiisaa ta’een sadummaaf tokkummaan muul’atee jira. ibsa dabalataan: seer-uum:ilaalaa.
Ani waaqayyo gooftaan waaqa abrahaam, waaqa yis-haaq, waaqa yaa’iqoobi./‹‹አነ ውእቱ እግዚአብሔር አምላከ አብረሃም ወአምላከ ይስሃቅ ወአምላከ ያእቆብ››/seer-ba’uu:3:6
Sillaaseen <ani waaqayyo> jechuun tokkummaasaanii, waaqa, waaqa waaqa. Jechuun sadummaasaanii ibsan.
<<…….Arjummaan waaqayyoo biyya lafaa guutte. jecha waaqayyoon samiiwwan ijaajjan ergamtoota isaa hunda afuura afaan isaan>>.faar: :
Raajichi waaqayyoo qulqulluun daawit :-<<arjummaan waaqayyoo>> kan jedhe waaqayyo abbaa,<<jechi waaqayyoo>> kan jedhe waaqayyo ilma yoo ta’u <<afuura afaansaa>>kan jedhemmoo waaqayyo afuura qulqulluudhaani.
<<gooftichi humnisaas jabaa dha. ogummaaf beekumsaasaatiifis lakkoofsa  hin qabu>>.faar-146:5
Qulqulluun daawit sararuma kanarratti <<gooftan keenyaa ulfaata dha>>kan jedhe waaqa abbaatifi, <<humnisaas jabaadha>> kan jedhe waaqa ilmaatifi, Akkasumas   <<beekumsasaaf lakkoofsa hin qabu>>kan jedhe waaqa afuura qulqulluudhaafi.
<<Qulqulluu, qulqulluu ,qulqulluu gooftaa tajaajiltootaa waaqayyo, biyyi lafaa hundi kabajasaan guutamte>> Isa:6:13  
Raajichi isaayiyyaas <<qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu>> jechuun sadummaasaanii, <<gooftaa tajaajiltootaa waaqayyo>>jechuunimmoo tokkummaasaanii dubbateera. Qul.yohaannisis galatuma kan raajidhaan argeera.raaj.yoh.4:8
<<Afuurri qulqulluun sirra dhufa, humni gooftichaas si golga>>.luq.1:26-35
Argamichi misiraachoo/አብሳሪዉ መልአክ/qulqulluun gabri’eeliin haadha keenyaa qulqulleettii dubroo maariyaamiin yoo misireessu/ሲያበስራት/<<afuurri qulqulluun sirra hin dhufa>>kan jedheen afuura qulqulluuni, <<humni gooftichaa/የልዑል ሐይል/>> kan jedhe waaqa ilmaani Akkasumas;<<humni/ልዑል/>>kan jedhemmoo waaqa abbaatini.

<<nan arge kunoo hoolichi tsiyoon ijaajjee ture isa waliinis maqaansaafii maqaan abbaasaa, maqaan afuura qulqulluu addasaaniirratti kan barreeffameef kuma dhibba tokkoof kuma afurtamii afur turan>>muul/ራዕይ/.14፡1
Qulqulluun yohaannis muul’atasaan kan arge maqaa sillaasee ta’uunsaa ifa.
<<Egaa deemaatoo <Aahizaabota>hunda maqaa abbaa ilmaa fii afuura qulqulluun cuuphaa kanan isin ajaje hunda barsiisaa duuka bu’oota koo taasisaa>> jechuunis maqaa sadummaasaanii ifaaf ifaan ibsanii jiran. Maat.28:19.

No comments:

Galmee keessaa barbaadaa

Barumsaalee Tawaahidoo