Popular Posts

ICCITII foonummaa/ምስጢረ ሥጋዌ/

       1.2-ICCITII foonummaa/ምስጢረ ሥጋዌ/

Iccitiin kun waa’ee waaqayyoon nama ta’uusaa fii qaamolii sadan keessaa ilmi/ወልድ/ gara lafaa dhufuun qaama isaa kan adda ta’een haadha keenya qul.dub.maariyaamii irraa foon isheerraa foon, lubbuu isheerraa lubbuu qoodatee haala inni itti nama ta’e kan nu hubachiisudha. 

Jechi foon ta’e,nurras bule.Yoh.1:1-5 fi lakk.14 barichi dhumaa yommuu ga’etti waaqayyoon ilmasaa tokkicha erge dubartiirraayis dhalate.gala.4:4 qulqulloon duuk-bu’oonni akka nu barsiisanitti maqaa ta’uumsaan/በከዊን ስም‹በመሆን ስም›/jecha›› jedhame kan waamamu ilmi amalummaa waaqayyo abbaa/የዕግዚአብሄር አብ የባህሪይ ልጅ/ dubroo maariyaamiirraa nama akka ta’e kan beekamu.kana jechuunimmoo amala namaa, foonifii lubbuu iccitii hin qoratamneen akka uffatee fii akka <tawaahaade> nu hubachiisa.
Tawaahidoo jechuun:qaama lamarraa qaama tokko, wanta adda ta’e lamaa fii isaa olirraa walitti dhuferraa wanta guutuu/nama/guutuu tokko jechuu dha. tawaahidoon akka walitti makaa/wal nyaatinsa/ bishaanifii zayitaa,baaqelaaf xaafii fi k.k f kan addaan baba’u ykn addaan qoqoodamu miti.wanta baay’erraa guutuu tokko jechuu dha malee. 
Jechi waaqayyoo/ilmi/dhaloota lama qaba. 
1:,,-Biyya lafaa dura haadha malee abbaarraa 
2-adaddunyaan booda bara kuma shaniifi dhibba shaniin booda dub.maariyaamii irraa abbaa malee dhalateera.
Waaqayyo gooftan nama ennaa ta’etti namnis tawaahidoodhaan waaqa ta’ee jira. iccitii guddaa kanaanis gatiin jechaa foonif, gatiin foonii jechaaf ta’e sababa kanaaf bara dura qaama abbaa isaarraa qaama, amalasaarraa amala/ቅድመ አለም ከአብ አካል ዘእም አካል፤ባህሪይ ዘእምባህሪይ/qoodatee kan dhalate jechi waaqayyoo ilmi addunyaan marti erga uumamee booda/ድሕረ ዓለም/foonin qul.dub.mariyaamirraa waan dhalateef ilma maariyaamii jedhamuu gatii ofii taasise.
Barumsa iccitii sillaasee keessatti waaqayyoon qaaman sadi waaqummaasaan tokko/በአካል ሶስት በመለኮት አንድ/ akka ta’e ilaallerra. Iccitii foonummaa(namummaa)tinis waaqummaan tokko jennee qaamota amannu sadan keessaa qaamni tokko waaqni ilmaa qaamasaa adda ta’een/እግዚአብሔር ወልድ በተለየ አካሉ በቃልነቱ ከዊን/haala ta’uumsa jechaatin/nama ta’e malee waaqummaasaatin qoqqoodama hin qabu/ተከፍሎ የለበትም/qola.2:9
Waaqayyoon qaaman sadi, waaqummaan tokko waan ta’eef qaamman sadan keessaa tokko nama ta’e jedhamullee humni waaqayyoo/መለኮት/tokkichi bakka sadi’itti adda hin qoodamu ykn sadan isaaniyyuu nama ta’an nama hin jechisiisu hin jedhamus. Kanaafuu iccitii sillaasee keessatti kan ilaalle iccitiiwwan ta’uumsaa/የኩነታት ምስጢር/sirritti hubachuun barbaachisaa dha.
Abbootiiwwan keenya qulqulloon duukabu’oonni akka nu barsiisanitti armaan gaditti jechoota ibsamaniin waaqni ilmaa qaama adda ta’een jechummaa ta’uumsaan/በቃልነቱ ከዊን/qulqulleettii dub.maariyamiirraa foonifi lubbuu akka tawaahade/እንደ ተዋሐደ/ni hubanna.
1ffaa .lubbuun qaamasheen bakka sadi’itti kan adda hin baane tokko yoo taatu ta’uumsa sadi/3ከዊን/qabdi. Isaanis:-
Laphummaa/ለባዊነት/
Jechummaa/ቃልነት/
Afuurummaa/እስትንፋስነት/ qabdi.
Laphummaa isheetin abbaa
Jechummaa isheetin ilma 
Afuurummaa   >>   afuurri qulqulluun ni fakkeeffamu.
Namni tokko yaadasaa ibsachuu ennaa barbaadetti jechummaan lubbuu foon arrabasaa waliin <tawaahadee>sagalee kenna. Tokkummaa’uu humna dandeettitiinis yoo ilaalle lapheefi afuurarraa adda hin baasnu. Laphee, jechiifi afuurri tawahaadanii yommuu jiran sadan keessaa jechi qofti arraba foon keenyaa tawaahadee yeroo muul’atettii fi sagalee dhageechisetti ta’uumsi jechummaa/የቃልነት ከዊን/ kun afuurummaa fi laphummaa gara jechummaatti jijjiiruu hin danda’u.kanaafuu qaamman sadan keessaa qaamni tokko waaqni ilmaa qaamasaa adda ta’een ta’uumsa jechummaan nama yoo ta’u, jechi nama ta’uun humna waaqayyoo/መለኮትን/bakka sadi’itti qooduu hin danda’u. abbaa fi afuurri qulqulluun nama ta’an jechuu nama hin dandeessisu.
Gara hambiraatinis lubbuun keenya sadummaa qabdi;ykn waan sadi irraa uumamte. Isaanis:-laphummaa,(ለባዊነት)
          :-bar-barummaa(ሕያውነት)
:-dubbachuu danda’uu(ነባቢነት)dha
Kanaaf lubbuun keenyas akkuma waaqayyootti tokko taatullee maqaa ta’umsaa/የከዊን ስም/sadi,qaama fi hojii ta’uumsaa sadi qabdi jechuu dha. Kana jechuun immoo nutillee qaamafii bifa sillaasetiin uumamuu keenya nuuf ibsa jechuu dha. 
Akkasumas lubbuun keenya amalawwan; laphummaa, bar-barummaa fi dubbachuu danda’ummaa ishee osoo hin gallakkisin akkuma jirtutti foon tawaahaduun akkuma jiraattu hunda, jechi qaama ilmis qaama adda ta’een{ta’uumsa jechummaatin}bal’inasaa, fagaachummaasaa/ስፋቱን፣ርቀቱን/bar-bara jiraachusaa fi waaqummaasaa osoo hin gallakkisiini fii osoon jijjiirin foon dubroo maariyamii tawahaadee jira.
2ffaa.Aduun/biiftun/ qaamnishee tokko yoo ta’u haala ta’umsaa/ኩነታት/sadi qabu.isaanis ;geengoo,ifaa fi hoo’a.
Geengummaa isheen:-abbaa
Ifa isheen:ilma
Hoo’ina isheetin immoo afuurri qulqulluun ni fakkeeffamu
Sababa kanaaf ifti geengummaa fi hoo’ina ishee waliin osoo jiruu mo’oo ijaa/ብንተ ዓይን/ waliin tawahaada. Tawaahidoo isaatinis mo’oon kan fagoo fi dhiyoo hunda akka agarru nutaasisa. Ifti kun mo’oo ijaa waliin wal tawahaadun geengof hoo’ina haala ta’uumsaa isaanitirraa gara ifaatti hin jijjiiru, ykn biiftuu bakka lamaa fi sadi’itti hin qoodu. 
Akkasumas jiru fi ifti addunyaa jechi waaqayyoo foon ennaa tawahaadetti tawahaaduun isaa humna waaqummaa/መለኮትን/akka qaamotaatti bakka sadi’itti hin qoqqoodu.
Sababa kanaafis jechi arraba, ifti mo’oo ijaa, wajjin yommuu tawahaadan osoo wal hin leyya’iin/ሳይጠፋፉ/tawahaadanii waliin jiraata malee tokko tokko hin shaaru, tokkos tokko hin jijjiiru.
Armaan dura akkuma ibsame tawaahidoon jecha fi arrabaa, ifaa fi ijaa akka zayitaa fi bishaanii miti.tawaahidoon isaanii akka foonifi lubbuuti malee.
Yoh.1:1-15 irratti <<jechi foon ta’e>> yommuu jennutti tawaahidoon qaamaa fi humna waaqummaa/መለኮት/ akkuma sila dura ibsametti akka tawaahidoo ijaafi ifaa, arrabaa fi jechaati.
<< jechi foon ta’e>> ennaa jedhamus ta’umsi kan lachuutiyyu waan ta’eef <foon jecha ta’e> jechuus akka ta’e hubachuun qabna.
Jecha kan jedhame;humna waaqummaati.
Foon kan     >>  ;namummaa/ትስብእት/ dha.
Iccitichi ifa ba’ee yoo dubbatame jechi foon waliin,foon jecha waliin tawaahidoodhan qaama tokko amala tokko ta’e jechuu dha.
Amantaan keenyallee tawaahidoo jedhamuun kanarraa ka’eeti.
Akkasumas fakkeenya armaan olitti waa’ee tokkummaaf sadummaa/ta’umsa lubbuu/ keenyaa kaafamerratti;lubbuun qaamasheen tokko ennaa taatu ta’uumsa sadi qabdi. kunis laphee,jechaa fii afuura ta’uu dha. Ta’uumsi laphummaa ishee jechaa fii afuura argamsiisee beekumsa ta’aaf. Ta’uumsi jechummaa ishees ta’uumsa laphummaarraa argamee foon arraba keenyan tawahaadee dubbii fi sagalee dhageechisa. Ta’uumsi afuurummaa ishees lapheerraa dhufee afuura{qilleensa} seensisuu fi baasun jireenya ta’a.
Ta’umsi sillaases akkasuma, tokko Kan ta’u amalli humna waaqummaa /ባሕርየ መለኮት/ taumsa/ከዊን/sadi waan qabduuf,ta’umsi laphummaashee abbaa dha. Abbaan/አብ/ ilma <jecha> jedhame haadha malee dhalee, <afuura> kan jedhame afuura qulqulluu argamsiisee; ofiisaaf,ilmaafii afuura qulqulluuf beekumsa ta’a. Ta’umsi jechummaa ishees ilma. Ilmi/ወልድ/abbaarraa dhalatee ofiisaafi abbaaf afuura qulqulluuf dubbii/ንባብ መሆን ነዉ/ta’uu dha. Ta’uumsi afuurummaa ishees afuura qulqulluu dha. Afuurri qulqulluun ta’uumsa afuurummaasaan laphee erga jedhamee, abbaarraa argamee/ከአብ ሰርፆ/ofiisaaf,abbaa fii ilmaaf jireenya ta’uu dha.
Walumaa galatti haalli ta’umsaa ilmaa abbaaf,kan abbaammoo afuura qulqulluuf ta’uu hin dan da’u ykn haala ta’uumsaa wal makaa Akkasumas kophaa kophaatti qoqqooddii humna waaqummaa adda adda/የተለያየ የባህሪይና የአገዛዝ መከፋፈል የላቸዉም/ta’e hin qaban,tawaahidoodhan jiraatan malee.


No comments:

Galmee keessaa barbaadaa

Barumsaalee Tawaahidoo