DHALOOTA GOOFTAA |
Waaqayyo
Addaamii fi Heewaan wanta isaan barbaachisu hunduma erga guuteefii
booda, biyyee lafaarraa harkasaatiin tolchee, afuura jireenyaa itti
baaafachuun, fakkeenyasaatiin isaan uume. Uumees allaattota Samii fi
bineensota Dachee hunduma akkaa bulchaniif, aangoo kenneef (Uum. 1: 26).
Walabummaa guddaas (free will) kenneef. Akka ergamootaa ifa uffatanii
Waaqayyoon galteeffachaa akka jiraatan, ulfina guddaas isaan
gonfachiise. Wanta fooniin isaan barbaachisu hundas guuteef. Dhumarras
wanta Jannata keessa jiru hunda akka nyaatan, garuu muka gaarii fi yaraa
nama barsiisu qofaa akka hin xuqne ajaja jalqabaa kenneef (Uum. 2:
16-17).
Ajaja
kana cabsinaan du'a du'aa akka du'an isaan akeekkachiise. Addaamii fi
Heewaan garuu ajaja Waaqayyoo dagachuun, gorsa bofaa dhagahanii muka hin
nyaatiinaa jedhaman nyaatani (Uum. 3: 1-24). Waaqayyo Uumaanis
balleessaasaanii itti dheekkame. Jannata keessaas isaan baase. Du'a
fooniirratti du'a lubbuu, gara awwaalaatti fooniin bu'uurratti, lubbuun
Si'ool bu'uu isaaitti murteesse. Balleessaa Addaam balleesseen cubbuun
ilmaan namootaa hundarratti aangome; ilmi namaa hunduu cubbamaa ta'e
(Room. 5: 12).
Akka
abbootiin keenya nu barsiisanitti, Addaamis Gooftaataa hundaa olii
Waaqayyoonii fi bakka gammachuu, Jannata, dhabuusaatti gadde. Guyyaa
guyyaanis laphee gaabbiitiin gara Waaqayyootti boo'e. Waaqayyo gara
laafinni amalummaasaa ta'es boo'icha Addaam dhagahee isa fayyisuu fi
kabajasaa duraatti isa deebisuu barbaade. Garuu Waaqayyo dhugaa waan
ta'eef, dhugaan akka jallattu hin barbaadu. Kanaaf, ajaja cabeef
ajajamee, dogoggora hojjetameef beenyaa kaffalee kan namaaf Waaqayyo
walitti araarsu dirqama barbaachise. Kanarraa kan ka'e, Tokkichi Ilma
Waaqayyoo cubbuu dhiigni hoolotaa fi ro'ootaa ilmaan namootaarraa dhiquu
hin dandeenye Dhiigasaatiin nurraa dhiquu barbaade. Mataasaa fi
abbaasaattis nu araarsuuf, Dubroo Maariyaamirraa foonsheerraa foon,
lubbuusheerraa lubbuu fuudhuun tokkoomee (Tawaahidoon kabajamee) dhalate.
Dubbii
dhalootaa Gooftaa keenyaa keessatti wantoonni qalbii namaa hawwatanii
fi xiinxala afuuraa hedduutti nu ceesisan hedduudha. Iccitiiwwan kunneen
foonii fi lubbuu keenya afuuraan sooru. Sagalee jireenyaa fi bu'uura
fayyinaa kana hubachuuf, wantoota yeroo Gooftaan ulfinaa fi Waaqni
jaalalaa dhalate raawwatan akka armaan gadiitti ilaalla. Iccitichi
baay'ee gadi fagoo fi ibsa bal'aa waan barbaaduuf, haala adda addaatiin
mata duree tokkicha irra deddeebinee ilaaluun dirqama ta'a. Kunis
hubannoo keenya bal'isuuf malee, yaada baay'isuuf akka hin taane
gamanumaan haa hubannu. Ka'umsi barnoota keenyaas Wangeela Luqaas 2: 1-20rra kan jiru ta'a.
Seenaansaa gabaabaatti akkasi: Bara
Aawgisxoos Qeesaar Bulchaa Roomaa (addunyaa yeroo sana ture uummata
Israa'eel dabalatee biyyoota hedduu bulchaa kan ture) addunyaan akka
lakkaawamtuuf ajaja dabarse. Ajajichis namni hunduu bakka qomoosaatti
lakkaawamuu qaba waan jedhuuf, Yooseefii fi Giiftiin keenya,
Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara Beetaliheem, magaalaa Daawiit
deeman. Namoonni hedduun lakkaawamuuf gara Beetaliheem waan deemaniif,
mana keessa bulan dhabnaan dallaa loonii keessa boqochuuf dirqaman.
Yeroo kanas Uumaan Samii fi Lafaa, Gooftaan keenya dallaa loonii
keessatti dhalate. Yeroo Gooftaan Ulfinaa, Mootiin Samii fi Dachee
dhalatu, ergamoonni gammachuu fayyinaa kana tiksoota horii eeguuf
naannoo Beetaliheem turanitti himan. Tiksoonni sunneenis wanata arganii
fi dhagahan namoota naannoosaanii hundatti himan. Namoonnis oduu
gammachiisaa kana tiksootarraa dhagahanii ajaa'ibsiifatan. Ergamoonni
Samiis Gooftaa marsanii "Galanni Waaqayyoof Samiirratti, nageenyi lafarratti ilma namaaf fedha gaariin haa ta'u" jechuun faarfatan.
Galmee namootaa
Gooftaan
keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo addunyaan hundi lakaawamu dhalachuunsaa
akka carraa ta'eet osoo hin ta'iin, kaayyoo fi fedha Waaqayyoon kan
raawwatame. Kiristoos cubbuu jalaa nubaasuuf jecha, cubbamoota wajjin
lakkaawame (Isa. 53: 12). Jireenya bara baraa fi mucummaa kennaa
Waaqayyoo cubbuun dhabne deebisee nuu kennuuf jecha, hangafa hunda
keenyaa ta'ee Gooftaan nu wajjin lakkaawame. Akkasumas, maqaa keenya
galmee jireenyaarratti barreessuuf jecha, maqaan Uumaa keenyaa nu wajjin
barreeffame. Namni Waaqayyotti amanu maqaansaa kitaaba galmee
jireenyaarratti barreeffama (Bahu. 32: 32; Luq. 10:20; Filiph. 4: 3).
Kanaaf, Inni qulqulluu waan ta'eef, cubbamoonni jireenya qulqullaawaa
akka jiraataniif, nu wajjin galmaa'e. Inni
Waaqa jiraataa waanta'eef, jireenya bara baraa nuu kennuuf nu wajjin
lakkaawame. Lakkoofsi kun lakkoofsa warra Qeesaar Roomaa osoo hin
ta'iin, galmee Waaqayyoo lubbuun isatti amantu kitaaba jireenyaarratti
akka galmooftu eeyyamedha. Bakka kanatti, Beetaliheem fakkeenya Mana
kiristaanaa fi Samiiti. Namni guyyaa afurtamaa fi saddettamatti cuuphaa
dhaan Sillaaseerraa dhalatummoo kan galmee jireenyaarratti Kiristoos
wajjin galmaa'utti fakkaata.
Maaliif Beetaliheemitti dhalate?
Magaalonni
hedduun osoo jiranii Kiristoos Beetaliheemitti dhalachuunsaa akka
carraa ta'eet osoo hin ta'iin, kaayyoosaa qulqulluun kan raawwatame.
Kunis, fakkeenyaa fi raajii raawwachuufi. Fakkeenyisaa, mootiin
Israa'eel fooniin bulche, Daawiit, Beetaliheemii filatame (1 Saam. 16:
1). Kiristoos bulchaan Samii fi Lafaa fi Gooftaan foonii fi lubbuus
Beetaliheemitti dhalachuusaa hubachiisa. Raajiinsaa, Kiristoos akka
Beetaliheemitti dhalatu dursee dubbatameet ture (Faar. 131:6; Miik. 5:
2). Beetaliheem jechuun Mana Biddeenaa
jechuudha. Biddeena jireenyaa, biddeena bara baraa fi biddeena fayyinaa
kan ta'e Kiristoosis Beetaliheemitti kanaaf dhalate. Biddeenni kun akka
biddeena warri Israa'eel yeroo Gibxii bahan gammoojjii keessatti
nyaatanii beela'anii (Yoh. 6: 58) osoo hin ta'iin, biddeena bara baraa
fi nami nyaate hundi kan jireenya itti argatu. Biddeenichis Foonsaa fi
Dhiigasaa yoo ta'u, leematiin biddeenichaa
ammoo deessuu Isaa, haadhasaa, Qulqulleettii Dubroo Maariyaami. Biddeen
akkuma leemaatii keessaa argamu, Kiristoosis foonsheerraa foon,
lubbuusheerraa lubbuu fudhachuun Nama ta'eera.
Addunyaa
mataasaa fi abbaasaatti araarsuuf, luba ol aanaa ta'ee foonicha
isheerraa fudhate fannoorratti aarsaa dhiyeesse. Foonichaa fi Dhiigicha
nyaannee akkaa jireenya bara baraa argannuufis nuuf kenne. Kanaaf,
Beetaliheem maqaa dursitee Mana Biddeenaa
jedhamtee iccitiin ittiin waamamaa turte ifatti argatte. Akkuma
beekamu, ilmi namaa nyaata hin nyaatiin jedhame nyaachuun du'aa fi
Daabiloosiif gabroome. Kiristoosimmoo nyaata dhugaa ta'ee du'a jalaa nu
baasuuf jecha Beetaliheemitti dhalate. Kanaaf, ilmi namaa muka dhorkame
nyaachuun du'ee ture, Foonii fi Dhiiga
Kiristoos nyaachuu fi dhuguun deebi'ee fayye jechuudha. Har'a nyaata
kana Mana Biddeenaa kan taate Beetaliheemitti (Mana Kiristaanaatti)
argamuun nyaannee jireenya bara baraa argachuu qabna.
Beetaliheemitti
dhalachuunsaa iccitii guddaa biraas ni qaba. Gooftaan bakka
tuffatamaatti dhalachuun gara kabajaatti nu deebise. Akkasumas, biyya
lafaatti dhalachuun Kiristoos kabaja Jannataa fi Samiitti nu deebise.
Kiristoos osoo Waaqa ta'ee jiruu mataasaa gadi qabee dhufe; hamma du'a
fannoottis kan ajajame ta'e (Filiph. 2: 7-8). Ilmi namaa sababa
balleessaa Addaam Jannata dhabeet ture. Kanaaf, Kiristoos Addaam
lammaffaa ta'ee, Heewaan lammafaa kan taate Giitii keenya Dubroo
Maariyaamirraa dhalachuun ajajamee Jannatatti nu deebise (Room. 5: 18).
Waaqeffannaa tiksootaa
Yeroo
Gooftaan dhalte Heeroodsi hin dhageenye; Barreessitoonnii fi
Farisoonnis hin simanne. Tiksoonni uummata biratti kabaja hin qabne
garuu gammachuun simatanii Isa waaqeffatan. Beelladoonnii fi bineensonnis Waaqasaanii marsanii afuurasaaniin Isa ho'isan. Kana hubachiisuuf raajichi Isaayyaas, "Sangaan kan bitaasaa, harreen dallaa gooftaasaa bare; uummanni Koo garuu hin beekne; Israa'eel hin hubanne"
jedhe (Isa. 1: 3). Kunis ilmaan namootaa cubbuutti jilbeeffachuun
bineensotaa gadi ta'uun Gooftaasaanii waaqeffachuu dadhabuusaanii
agarsiisa. Daawiit abbaan faarfannaa kana hubachiisuuf "namni kabajamaa ta'ee osoo jiruu hin beeku; akka bineensota badanii fakkaate" (Faar.
48: 12) jedha. Seenaan Beetaliheemitti raawwate ilmi namaa hanga
bineensotaa hubannoo dhabuusaa hubachiisa. Har'as namoonni hedduun
galmee Qeesaarirratti hiraachuuf (kan addunyaarratti galmaa'uuf) mooraa
Qeesaar keessaatti argamuu danda'u. Galmee lubbuu kan ta'e kan
Kiristoosiin raawwatamurratti hirmaachhuuf, Beetaliheem (Mana
Kiristaanaatti) argamuun garuu irraa fagaatee jira.
Tiksoonni
sun battalumatti wanta arganii fi dhagahan addunyaatti himaniiru. Nutis
waa'ee Iccitii fayyinaa addnuaatti himuun dirqama afuuraa hunda
keenyaati. Tiksoonni sun yeroof eegdota horii yooyta'an, iccitiinsaa
garuu, tiksitoota lubbuu kan ta'an fakkeenya lubootaa fi lallabdootaaati. Tiksoonni sun Hangafnisaanii
waan dhalatee jiruuf gammachuun isa marsan. Kiristoos Tiksee dhugaa kan
foonii fi lubbuuti ( Faar. 22: 1; Yoh. 10: 11). Luboonnii fi
lallabdoonni wangeelaas tiksee kiristaanotaati (Hoj. 20: 28; Yoh. 21:
15-17). Kanaaf, har'as hojiin tiksootaa waa'ee
dhaloota Kiristoos addunyaatti himuu yoo ta'u, gaheen amantootaammoo,
Tiksicha dhugaa simachuuf gara Beetaliheem (Mana Kiristaanaa) deemuudha
(1 Pheex. 2: 25).
Faaruu ergamootaa
Yeroo
Gooftaan keenya dhalate, ergamoonni tiksoota wajjin walitti makamanii
faarfatan. Ergamoonni tiksee ilmaan namootaati (Maat. 18: 10); tiksoonni
bakka sana turanis tiksoota kiristaanota hundaa kan ta'an fakkeenya
lubootaati (Yoh. 21: 15-17). Kiristoosis Tiksee dhugaa lubbuu fi
fooniiti (Yoh. 10: 11). Beetaliheem fakkeenya Mana Kiristaanaati.
Tiksoonni kunneen sadan bara baraan Mana Kiristaanaarraa adda hin ba'an.
Namni tiksamuu barbaadummoo Beetaliheem (Mana Kiristaanaatti) argamuu
qaba.
Erga
Addaam kufee, seenaa jireenya ilma namaa keessatti, ergamoonni
akkanatti yeroo jalqabaaf ilmaan namootaatti makamanii faarfatan. Kunis
fayyinni gara ilmaan namootaatti dhiyaachuusaa fi Waaqayyo namatti
araraaramuu jalqabuusaa hubachiisa. Ergamoonni Samii, Gooftaan kabajaa
fuulasaa golgaa ibiddaa torbaan golgatu Beetaliheemitti dhalachuusaa
arganii Isa Waaqeffachuuf dhufan. Akkasumas, hoomaaleen Samii kun ilmaan
namootaatti gammachuu fayyinaa itti himuuf mul'atan. Yeroo kanattis
Waaqayyo Samiin teessoosaa, lafti ejjennaa miilasaa taate
(Isa. 66: 1) fooniin dhaltatee ammuu Giiftii keenya Dubroo Maariyaam
keessa ture. Ergamoonni gara Samii ol ilaalanii Daamicha Beetaliheemitti
dhalate Abbaasaa fi Afuura Qulqulluu wajjin osoo qulqulleessamuu fi
osoo sagadamuufii argan. Iccitii Samiirratti arguun, "galanni waaqayyoof samiirratti haa ta'u"
jechaa Isa galateeffatan. Gooftichuma Samiirratti qulqulleessamu,
waaqeffatamuu fi kabajamu lafatti ammuu Giiftii keenyaa keessatti argan.
Yeroo kanas "lafarratti nageenyi ilmaan namootaaf haa ta'u"
jedhan. Kunis Kiristoos foon namaa uffachuun Nama ta'us, Waaqa bara
baraa ta'uusaa fi bakka hunda jiraachuunsaa akka hin daangofne
hubachiisa.
Gama biraan ergamoonni "galanni waaqayyoof samiirratti, ilmaan namootaaf nageenyi lafarratti"
jechuun iccitii guddaa addunyaatti lallaban. Innis, dhalachuu
Kiristoosiin kan Dachee fi Samiirra jiran araaramuusaanii hubachiisa.
Kiristoos dhalatee aarsaa nuuf ta'uusaatiin, warri lafaa fi samiirra
jiran, akkasumas, amantootaa fi al-amantoota (aahizaabota) walitti
araarse (Eef. 2: 16). Qulqullichi Phaawuloos kana hubachiisuuf, "Kanaa booda qulqulloota wajjin abbaa biyyaa fi maatii Waaqayyooti malee keessummoota miti" (Eef. 2: 19) jedhe. Har'a
kan Kiristoositti amane, fooniin Ijoollee Abrihaam kan ta'an ijoollee
Israa'eelis ta'e, uummanni addunyaa kamiyyuu wal qixa fayyeera. Hunduu
ijoollee Abrihaamii fi Israa'eel afuuraa yookaan lubbuuti (Maat. 3: 9).
Beektota fiixee addunyaarra jiranis ta'ee, warra qaroominaan duubatti
hafuun eegee addnyaa ta'an yoo ta'e, kan Isatti ananuun cuuphame hunduu
wal qixa. Kana kan nu hubachiisu, mootonni baha fagoo (ogeeyyiin) duraan
amantaa hin qabne dhufanii Kiristoosiif sagaduusaaniiti (Maat. 2:
1-12).
Guyyaa
dhaloota Gooftaa keenyaa, ergamoonni, tiksoonni, uummanni ogeeyyiin
(uummanni baha fagoo) fi uummanni naannoo Beetaliheem bakka sanatti
walitti qabamuunsaanii xiinxala afuuraa
guddaa qaba. Kunis, Manni Kiristaanaa Kakuu Haaraa, akka Kakuu Moofaa,
bakkaa fi hortee muraasatti kan hin murtoofne ta'uushee hubachiisa.
Kakuu Haaraa keessa, uummanni
duraan al-amantoota (aahizaabota) turan amananii miseensa Mana
Kiristaanaa ta'aniiru. Gama biraan ergamoonni Samiis Beetaliheem
(fakkeenya Mana Kiristaanaa taate) keessatti
argamaniiru. Kunis Manni Kiristaanaa kan warra lafarraa jirajii qofa
osoo hin ta'iin, Samiirras dameenshee jiruusaa hubachiisa. Manni
Kiristaanaa hundeenshee lafarra kan jiru yoo ta'u, fiixeenshee Samii
keessa jira. Birkii yookaan dameen Mana Kiristaanaa Samiirra jiru Mana
Kiristaanaa moo'attootaa (church triumphant) yoo ta'u, birkiin lafa
jirummoo Mana Kiristaanaa morkattootaa (church militant) jedhama.
Gama
biraan, Gooftaan ergamoota Samii fi ilmaan namootaa qomoo adda
addaarraa dhufaniin Beetaliheemitti waaqeffatamuunsaa iccituma duraan
xiinxalle hubachiisa. Kunis, Waaqayyo Mana Kiristaanaa tokko taatetti
bara baraan warra lafaa fi samiirra jiraniin (ergamootaa fi qulqulloota
Jannata jiraniin) waaqeffatamuusaa hubachiisa. Isaan kunneeniin
marfamee gidduu jiraachuunsaas yeroo kamiyyuu Mana Kiristaanaarraa akka
Inni adda hin baane hubachiisa. Walumaa galatti, ergamoota Sammiis ta'ee
ilmaan namootaa bakka adda addaarraa dhufanitti Kiristoos
Beetaliheemitti mul'achuunsaa, Manuma Kiristaanaa tokko taatetti
waaqeffatamuusaa hubachiisa. Akkuma dura ibsine, Manni Kiristaanaa
lafarras ta'e Samiirra, biyya keenyas ta'e biyya alaa jirtu, tokkuma
malee adda miti. Kaayyoon afuuraa bakka hundatti raawwatamus tokkuma:
Waaqayyoon waaqeffatanii jireenya bara baraa dhaaluudha.
Waaqeffannaa Ogeeyyii (beektota baha fagoo)
Akka
armaan olitti ibsinetti, yeroo Gooftaan keenya dhalate, namoonni
qaamaan itti dhiyaatanii turan, dallaa loonii keessatti Kiristoos
waaqeffataniiru. Akkasumas, namoonni baha fagoo, fageenyi lafaa osoo
isaan hin daangessiin Beetaliheemitti argamuun Kiristoos
waaqeffataniiru. Harka fuudhaa gosa sadii (warqii, libaanota ykn ixaanaa
fi qumbii) kennuufiin Isa waaqeffataniiru. Akka Darbaan qulqulluu Mana
Miristaanaa keenyaa nu hubachiisutti, kennaa kana nama sadii ta'aniit
tokko tokko Isaaf kennan. Namoonni sadan kunneen fakkeenya ijoollee Nooh
sadanii (Seem, Kaamii fi Yaafeetii)ti. Yookaan ammoo fakkeenya uummata
addunyaa maraati. Ijoolleen Nooh sadan bishaan badisaa jalaa bahan wal
horanii addunyaa kana guutan. Uummanni isaaniin ala ta'es Dachee kanarra
hin jiru. Kanaaf, namoonni sadan sunneen uummata addunyaa maraa bakka
bu'uun Kiristoos waaqeffatan jechuudha. Kunis, akka dursinee ibsinetti,
Kakuu Haaraa keessa uummannii fi qomoowwan hundi Kiristoositti amanuusaa
hubachiisa. Waaqayyo Gooftaan iccitii kana dursee Miilkiyaasirra buluun
"Baha biiftuutii jalqabee
hanga dhihaatti maqaan Koo uummatoota biratti guddaa ta'a; bakka
hundattuu maqaa Koofis libaanota ni aarsu" (Miilk. 1:11) jechuun ibsee jira. Kun huduu kan raawwatame fedha Gooftaa jaalalaatiini.
Kakuu Haaraa keessa, uummata qomoo tokko ta'ee fi afaan tokko qofa dubbatutu Isa Waaqeffata osoo hin ta'iin, uummanni hunduu ulaagaan osoo hin daanga'iin Isa waaqeffata. Raajichi Daani'eelis kana ilaalchisuun akkas jedha: "Qommoowwanii fi uummattoonni afaan adda addaa dubbatan akka bitamaniifiif, bulchiinsii fi mootummaan kennameef" (Daan. 7: 14). Iccitiin
fayyinaa kun guyyaa ayyaana Phesxeqoonxee (guyyaa shantammaffaa)
namoonni afaanota gara garaa torbaatamaa ol ta'an dubbatan, biyya adda
addaatii dhufuun, Kiristoositti amanuun cuuphaman dhugoomeera (Hoj. 2:
1-42). Asirratti, Raajichi Daani'eel "kennameef"
jechuunsaa, duraan kan Kiristoos kan hin turre Isaaf kennamuusaa miti.
Hiiktisaas, Kirsitoos foon namaa uffatee tokkoomee Nama dhugaa fi
Waaqadhugaa ta'uun Gooftaa bara baraa ta'uusaa hubachiisa. Foonichi
uffates aangoonsaa osoo hin daangessiin Kiristoos uummatoota hunda
biratti waaqeffatama jechuusaati.
Kanaaf,
Kakuu Haaraa keessatti namoonni qomoo foonii hedduurraa dhalatan
cuuphaadhaan Sillaaseerraa lammafaa dhalatu. Akkasumas, qomoo Samii
tokko qofa qabaatanii, afaan jaalalaa tokko qofa dubbachuun Waaqayyoon
waaqeffatu. Kitaabni qulqulluun ilmaan namootaa hundi Isatti amanan
ijoolleessaa ta'uusaanii ibsa. Yohaannis abbaan wangeelaa akkas jedha: "Kan fudhatan hundaaf garuu, warra maqaasaatti amanan isaaniif ijoolle Waaqayyoo akka ta'aniif, aangoo kenneef" (Yoh. 1:12). Qulqullichi Pheexroosis "Sagalee Waaqayyoo jiraataa fi barabaraan jiraatuun sanyii hin bannerraa malee, lammaffaa kan dhalattan sanyii badurraa miti"
(1Pheex. 1: 23) jedha. Kunis, hundi keenya cuuphaadhaan haadha tokkoo
fi abbaa tokkorraa (Bishaanii fi Afuurarraa) dhalachuun tokko ta'uu
keenya agarsiisa. Kanaaf, gurraacha Ameerikaas ta'e, namoota adii, nama
Ijibtiis ta'e kan Hindii, amantaa tokko qabaatanii Waaqayyotti kan
amananii fi maqaa Sillaaseetiin kan cuuphaman hundi obbolaa ta'uusaanii
ibsa. Garaa garummaa malee Waaqa tokkotti amananii fayyuusaaniis
hubachiisa.
Kennaa Ogeeyyii (uummata baha fagoo)
Ogeeyyiin
baha fagootii dhufan Daa'imicha Beetaliheemitti jaalala keenyaan
dirqamee dhalateef wantoota sadii qabatanii harka fuudhuusaanii
ilaalleerra. Armaan duras, namoonni sadan maaliif kennaa adda addaan
akka harka Isa fuudhan ibsineerra. Kennaawwan sadan kunneenis hiika
afuuraa fi xiinxala bal'aa mataasaanii ta'e qabu. Iccitii fi xiinxala
afuuraa kennaawwan kunneeniis akka armaan gadiitti tokko tokkoon
ilaalla.
Kennaan
inni jalqabaa Ogeeyyiin sunneen Isaaf dhiyeessan warqii ture. Innis
fakkeenya mootummaasaati. Moototaaf warqiitu kennama ture. Kiristoosis
Mootii Samii fi Lafaa, mootummaansaa yeroon kan hin murtoofnee fi
bakkaan kan hin daangofne. Kanaaaf, Ogeeyyin kunneen iccitii kana hubachiisuuf
jecha, warqiin harka Isa fuudhan. Abbaan keenya Yaa'iqob daawitii
raajiin arguun Kiristoos Mootii ta'uusaa akkas jedhee dubbateera: "Uleen
mootummaa Yihudaatii, jangiin bittootaas miilasaa gidduutii hin
dhibamu; Bulchaa kan ta'e hanga dhufutti ajajamummaan uummatootaa isaaf
ta'a" (Uum. 49: 10).
Akkuma
raajiin dubbatametti, Gooftaan kan dhalate yeroo mootummaan Israa'eel
harka hortee Yihudaatii bahee gita bittoota Roomaa jala gale ture. Kunis
Yihudaan fakkeenya malee mooticha dhugaa, yeroof malee kan bara baraa
akka hin turre hubachiisa. Akkasumas, Yihudaan mootii Israa'ee foonii
malee kan Israa'eel lubbuu akka hin turre hubachiisa. Yeroo Mootichi
dhugaan qomoo Yihudaa (Daawiit) jalaa dhalte, mootummaan Yihudaa bakka
hin qabu. Kiristoos mootii biyya lafaa qofa osoo hin ta'iin kan Lafaa fi
Samii, mootummaa Israa'eel foonii qofaa osoo hin ta'iin mootii
Israa'eel lubbuutisi (warra itti amannu hundaati). Gooftaan keenya
Israa'eel yeroo sana fooniin warra Roomaaf gabroomfatan walaboomsuuf
dhufe osoo hin ta'iin, ilmaan namootaa hunda du'aa
fi Diyaabiloomsiin garbroomfataman bilisoomsuuf fooniin dhufe.
Kiristoos uummata hunda jaalalaa fi afuura tokkoon cimsee ulee mootummaa
sibiilaa (aangoo cimaa hin dabarreen) bulcha (Mul'ata 12: 5). Kanaafis,
Inni Mootii bara baraa addunyaa dabarsee jiraachaa ture, ammas kan
jiruu fi bara baraan kan jiraatu , Aalfaa fi Oomeegaadha.
Kennaa
inni lammaffaan kennaa libaanotaati. Libaanonni (ixaanni) lubummaasaaf
kennameef. Libaanota aarsuun hojii lubootaati. Kiristoosis Luba bara
baraa akka sirna Malkatseedaqitti muudameeti. Luboonni libaanotas ta'e
aarsaa biroo fuldura Waaqayyotti dhiyeessaa turani. Kiristoos luba
hangafaa jedhama. Sababanisaas luboonni hangafootaa waggaatti yeroo
tokko Mana Qulqullummaa seenanii uummataaf aarsaa dhiyeessanii kadhachaa
turani. Kiristoosis aarsaa
foon bineensotaa osoo hin ta'iin, Foonsaa kutee Dhiigasaa dhangalaasee
Mana Qulqullummaa addaa kan ta'e fannoosaarratti fundurasaa fi
Abbaasaatti dhiyeesse. Aarsaa yeroo tokko dhiyeesseenis Abbaasaa fi
Ofitti nu araarse. Aarsaan takkaa dhiyaate kunis addunyaa hanga bara
baraatti araarsaa jiraata malee, har'a Kiristoos aarsaas ta'a kadhannaa
biraa Inni addnyaaf dhiyeessu gonkuma hin jiru (ulfinni Isaaf haa ta'u!)
(Ibir. 9: 25-28).
Kennaan
inni sadaffaan qumbii yookaan karbeedha. Kunis du'asaaf kennameef.
Qumbiin hadhaawaadha. Kiristoosis jireenya keenya cubbuun hadhaaye
mi'eessuuf jecha, du'a hahaawaa dhamdhame. Waa'ee keenyaaf jechas qumbii
dhangaggaawaa fannoosaarratti dhamdhame. Yohaanni abbaan wangeelaa
iccitii kana akkas jechuun barreesseera: "dhangaggaawaa ispoonjiitti guutanii, hisoophiitti godhanii, gara afaansaatti dhiyeessaniif" jedha
(Yoh. 19: 29). Gama biraan qumbiin wanta cabe deebisee walitti
qabsiisuuf ni fayyada. Kiristoosis wantoota dhalootasaa dura lolaan
turan torban walitti araarseere. Isaanis: Waaqayyoo fi nama, ergamootaa
fi namoota, Samii fi Dachee fi foonii fi lubbuu turan. Walumaa galattis
Kiristoos warra Dachee fi Samiirra jiran akkasumas amantootaa fi
aahizaabota (al-amantoota) walitti araarsuusaa hubannee jirra. Kanaaf,
uummanni kun Kiristoos mootii bara baraa, Luba Foonsaa fi Dhiigasaa
aarsaa dhiyeessuu fi jaalala ilmaan namootaan dirqamee du'a
dhangaggaawaa dhamdhamu ta'uusaa dursanii raajuun, Gooftaa keenyaaf
kennaa adda addaa kennuufiin harka fuudhaniiru.
Nutis
iccitii afuuraa fi xiinxala guddaa kana hubannee Isatti amanuun akka
jireenya dhuma hin qabne argannu fedhasaa nuuf haa ta'u. Galanni
Waaqayyoof, Deessuu Haadhasaa fi kabajamaa Fannoosaaf haa ta'u. Ameen! Nu haa tursu!
No comments:
Post a Comment