Popular Posts

Gaaffii Iccitii Sillaasee

Gilgaala .1
Isa armaan olitti ifa jedhame kaawwame/muul’anni yohaannis muul.14:1 irratti arge jedhee kitaabni qulqulluun dubbatu sadummaa sillaasee akkamiin ibsa?  Waliin mari’adhaa.  
Boqonnaalee kitaaba qulqulluu waa’ee sadummaaf tokkummaa sillaasee addeessan keessaa sadi sadi’I ibsuun gaafii akkamiin jedhuuf deebii kennaafii.
Sillaaseen, sadummaaf tokkummaan isaanii yoomii qabeet eegale(bara boodamoo, biyya lafaa fii addunyaa dura) kitaaba quln.wal qabsiisuun tokko tokkoon ibsaa.

<<egaa deemaatoo saba waaqayyo hin barre hunda/አህዛብን ሁሉ/maqaa abbaa, ilmaafii afuura qulqulluun cuuphaa, kanan sin ajajes akka eegan barsiisaa duuka bu’oota koo /ደቀ መዛሙርት/ taasisaa>>.maat.28:19
Gooftan keenyaa fii qorichi keenya iyyasuus kiristoos jechi cimaan duuka bu’ootasaatif dubbate kun hanga ammaatti kan ibsaman hundaayyuu caala fii kara ifa ta’een iccitii sillaasee kan ibsuu fii kan raggaasisuu dha.
Gooftan keenyaa fii qorichi keenyaa iyyasuus kiristoos bakka kan biraattis <<kan na jaallatu yoo jiraate abboomii koo eega,abbaan koos ni jaallata karasaas hin dhufna, isarrattis mana jireenyaa ni tolfanna…….abbaan maqaa koon kan ergu afuura qulqulluu kan ta’e sossobaan/አጽናኝ/inni hunda ni barsiisa, anis kanan isinitti hime hunda sin yaadachiisa>>jedhee iccitii sillaasee addeessee ibsee jira. Yoh.14:21-26.
      Dursa abrahaamiif /በዐጸደ መምሬ/seer.uum.18:1- …..boodas yoohaannis cuuphaaf/ለዮሃንስ መጥምቅ/galaana yoordaanositti.maat.3:13-17
Qaamman addaachuun ibsaman sadan; abbaa, ilma, afuura qulqulluu dha. gooftan keenya iyyasuus kiristoos du’aa ka’uumsa isaatinis booda duuka bu’oosaa barsiisummaaf lallabummaan shoomee gara addunyaatti ennaa ergu <deemaatoo biyya lafaa hundatti barsiisaa, ennaa cuuphxanis maqaa abbaa, ilmaa fii afuura qulqulluu jedhaa jedhee hanga ibsutti.maat.28:19 waaqayyo gooftaan gooftotaa amala maqaasaan uuma tokko waaqa tokko/አንድ አምላክ ፤አንድ እግዚአብሔር/ jedhamee waamamaa ture malee hagamiyyuu qaamni muul’ata(view/ገጽ/)sadi’iin argamuu fi muul’atullee abbaa ilma afuura qulqulluu jechuun ifa ba’ee hin beekamne  ture.
Gooftan keenyaa fii qorichi keenya iyyasuus kiristoos duuka bu’oota isaatin << deemaa biyya lafaa guututti lallabaa ennaa cuuphitanis maqaa abbaa fi afuura qulqulluun cuuphaa jedhee maqaa sadummaa isaanii waamaa akka cuuphanii fii akka barsiisan ajajuusaan maqaa kana ragaa shoomamuu isaanii godhee keennuu isaatin maqaan isaa fi abbaasaa Akkasumas afuura qulqulluu kan barreeffameef warroota cuuphanii fii kiristaanaa cuuphamuuf sadummaa adda taate waaqa tokko jedhanii amanuun ta’eefi. Maat.28:19   muul.14:1  1ffaapheex.1:1  2ffaaqoro.13:14
Sadummaa hojii:-abbaa ilmi fii afuurri qulqulluun kophaa kophaasaanitti qaama qabu. hojiin abbaa dhaluu(አስራጺ፣ወላዲ), kan ilmaa dhalachuu(ተወላዲ), afuurri qulqulluun argamuu(ሰራጺ/ dha. Faar.109:3   fakk.8:25   yoh.16:28  {kitaabota kana sirritti dubbisaa}
Sadummaa qaamaa:-  waaqayyoon qaamasaan, bifasaan, kan hin jijjiiramne, makaa kan hin qabne sadummaa adda taaten sad’I amalasaanin tokko yoo ta’an qaamanii fi bifaan sadi ta’uusaanis dhokachuu, ofuma isaan isa muul’isuun kan danda’amu bara abbootitti/በዘመነ አበው/kan akka abrahaamif, seer-uum.18:1     boodas kakuu haaratti maat.3:13 irratti ibsee jira. Sadummaan qaama sillaasee akkami yoo jedhame; abbaaf qaama of danda’aa, bifa of danda’aa, miira of danda’e qaba.ilmis afuurri qulqulluunis akkasuma.
    Walumaa galatti qaamni sillaasee akka qaama ilma namaa kan daangeffamu miti. biyya lafaa mara kan guuteefi bal’aa jalqabaa fii dhuma hin qabne dha.  Faar.138:7 1ffaamoot.8:22[‹‹ከመዝ ይቤ እግዚኣብሕር ሰማይኒ ወንበርየ ወምድርኒ መከየደ እግርየ የአየኑ ቤተ ተሐንጹ ሊተ ወአየኑ ማሕደረ ለምእራፍየ›› raaj.isa.66:1.
    Walumaa galatti ilmi ilma waan ta’eef abbaa fi afuura qulqulluu booda hin argamne,abbaanis ilma afuura qulqulluu dursee sekondii tokkollee hin turre. Afuurri qulqulluunis abbaaf ilma dura ykn booda hin jiru. Sadan isaanii wal qixa jiru malee.

No comments:

Galmee keessaa barbaadaa

Barumsaalee Tawaahidoo