Popular Posts

Saturday, January 16, 2016

1.3-iccitii cuuphaa/ምስጢረ ጥምቀት/



ጥምቀት
ጥምቀት፤‹‹አትመቀ/አጠመቀ/››ከሚል የግእዝ ግስ የተገኘ ሲሆን ፍቺዉም መነከር፤ መጥለቅ፤ መዘፈቅ፤ በዉሀ ውስጥ በስመ ስላሴ መዘፈቅ ማለት ነዉ፡፡ akkuma sila ibsame cuphaa jechuun:- maqaa tokkummaa waaqayyoo/sillaasetiin/bishaan keessatti cuuphamuu jechuu dha. Cuuphaan iccitii ijoollummaa sillaasee ittiin argannuu fii cubbuu addaamirraa dhaalle kan ittiin dhiqannuu dha.
  Barbaachisummaa cuuphaa(የጥምቀት አስፈላጊነት/ጥቅም/)
1. Cuuphadhaan wanta fayyina argannuufi. maar.16:16 akkuma yeroo tokko warra keenyarraa dhalannetti lammaffaa afuura qulqulluurraa dhalachuuf ni cuuphamna.  yoh.3:3   tiito.3:5  effes.5:26.
2. Cuuphaadhan dhiifatama cubbuu/የሀጢአት ስርየት/ni arganna. Hoj-duuk,2:38  1ffaaQoro.6:11.
3. Cuuphadhan kiristoos wajjin duunee, isa waliinis ni kaana.room.6:8  room.6:3
4. Cuucuuphadhan iyyasuus kiristoos wajjin tokko taana. Gala.3:37
5. Cuupha dhaan miseensa mana kiristaanaa taana.Qola.2:11-13

Fakkenyota cuuphaa baroota kakuu moofaatti/የጥምቀት ምሳሌዎች በብሉይ ኪዳን/
F Noohi fi maatin isaa bidiruu/doonidhan/ bishaan badii jalaa bahuun isaanii fakkeenya cuuphati.  Seer-uum.8:18   1ffaapheex.3:20
F Israa’eloonni laga eertiraa bakka lamatti qoodamee darbuun isaanii fakkiif cuuphaati. 1ffaaqor.10:1
F Baroota kana keessa dhagni-qabaan/ግዝረት/ dhiiraa beekamtii ijoollee waaqayyooti/የእግዚአብሔር ልጆች መለያ/ ture. ዘፍ.17፡14  ዮሐ.3፡3   dhagna qabaan yeroo sanaa cuuphaa dhufuu jedhuuf fakkeenya ta’uu isaa kitaabni qulqulluun nu barsiisa. Qola.2:10 kanaan alas dabalataan akka mata duree <cuuphaa kiristoos> jedhutti ibsametti ilaaluu ni dandeenya.
Hundeeffama cuuphaa/የጥምቀት አመሰራረት/
 Iccitii cuuphaa kan hundeesse gooftaa keenya iyyasuus kiristoosi. Akkasumas kan hundeese hojiidhan agarsiisunii fi jechaan ajajuuni. Maat.3:13 maar.1:9  luqas.3:21   yoh.1:31
Cuuphaa kiristoos/የክርስቶስ ጥምቀት/
     Gooftan keenya iyyasuus kiristoos maalif cuuphame?
Gooftan keenya iyyasuus harka yohaannisiin, laga yoordaanositti kan cuuphameef; akka seera ayhuudotaatti qulqullaa’uf/እንደ ኤሁድ ስርአት ለመንፃት/, akka cuuphaa yohaannisitti cubbuurraa hiikkachuuf miti.
¬ Abbummaadhan ofii isaaf cuuphamee isinis cuuphamaa nuun jechuuf, fakkeenya nuuf ta’uuf. Yoh.13:12
¬ Tokkummaaf sadummaa sillaasee bara dheeraaf akuu moofaa keessatti dhokatee ture ifa baasuf.
¬ Xalayaa rakkinaa/የእዳ ደብዳቤያችንን ለመደምሰስ/ diinni keenya diyaabiloos laga yoordaanositti gate nuuf haquufii
¬ Cuuphaa keenya nuuf eebbisuufi.
 Gooftan keenya iyyasuus kiristoos maalif waggaa 30ffaa isaatti cuuphame?
v Akka seera Ooritaatti namni tokko Aangofii kihinatiif/ለክህነት/filatamuu kan danda’u waggaa 30 yoo guute qofa waan ta’eef, innis hojii hayyuu-lubummaa isaa, hojii qorichummaa isaa, hojii barsiisummaa isaa waggaa 30tti cuuphadhan Eegale. Zahu.4:23 ,4:1 ,46:48
v Ilmummaa abbaan keenya Addaam waggaa 30tti dhabe deebisiisuf.
v Aangon kihinatii/lubummaan/ waggaa 30tti akka kennama qajeelchisuufi.
    Iyyasuus kiristoos laga yoordaanositti maaf cuuphame?
A  Raajin dursa raajotaan dubbatame akka galma ga’uuf. Faar.113:3-7
A  Fakkiiwwan fakkeeffaman amanamaa fii dhugaa taasisuufi.kunis; abrahaam mooticha koloodogoomir mo’ee laga Yoordaanos ce’ee qulqullicha malkatseedeq argachuun soorata akkootetaa /ሕብስተ አኮቴት፤ጽዋና በረከት ማግኘቱ፡፡/ maat.14:17  ibra.7:1 
A  Israa’eloonni laga yoordaanos ce’anii lafa dhaalaa dhaluu isaanitiif.iyas.3:14 ,4:15 
A  Raajichi inni guddaan Eeliyaas laga yoordaanoos ce’ee gara samii jiraattota bara baraa/ብሄረ ሕያዋን/ 2ffaamoot.2:8
A  Ni’imaan laga yoordaanositti cuuphamee laaphaa’ina isaarraa fayyuu isaan. 2ffaamoot.5:14
A  Iyyoobis laga kanatti cuuphamee fayyuusaan, Akkasumas inni guddaan xalayaa du’aa yoordaanoositti awwaalamee ture nuuf haquufi.qola.2:14
        Iyyasuus kiristoos maaf bishaanin cuuphame?
     Waaqayyoon Uumaa Uumama hundumaa ennaa ta’u wantoota gatiin isaanii mi’aawaa ta’e; damma, Aannanii fii kkf kan hin fayyadamiini fii bishaanin cuuphamuun isaa sababa qaba ture. Isaanis:-
¬ Namoonni yeroo sana turan<bishaan dheekkamaaf kan uumame> jechaa amanaa turan waan ta’eef fayyinaaf akka ta’e beeksisuufi.
¬ Bishaan bakka hundumatti, Nama hundumaaf dhiyoo dha/ni argama/.akkasumas cuuphaanis ilma namaa hundaaf wal-qixa kan kenname ta’uu isaaf.
¬ Akkuma bishaan biqiltuu obaafamte jijjiitutti, nutis jiidhina fooni fii lubbuu akka argannuufi.
¬ Bishaan xuraa’ina qaamaa akkuma balleessu,bishaanin ennaa cuuphamnu balleessa lubbuu keenyaas nurraa haquu isaa nuuf ibsuuf.
¬ Bishaan akkuma ibidda dhaamsu isinis yoo cuuphamtan ibidda bara baraa jalaa ni baatu yoo jedhu.
¬ Bishaan fakkeenya jireenyati. Seer-uum.2   yoh.1:14  faar.1:3  muul.21:6  ,22:1   ibra.10:22
¬  Raajicha hizqi’eelin/ነቢዩ ሕዝቅል/raajin dubbatame akka fiixa ba’uufi. Hizq.3:6
        Cuuphaa kiristaanotaa /የክርስቲያኖች ጥምቀት/
 Namni bishaanii fii afuura qulqulluurraa yoo hin dhalanne mootummaa waaqayyoo dhaluu hin danda’u akkuma jedhame mootummaa waaqayyoo dhaaluuf, amantaa keenya tursiisuf, ijoollummaa sillaasee argachuuf, garaa yoordaanoos fi afuura qulqulluurraa cuuphadhan nidhalanna.  Yoh.3:5 maat.28:19 
Akka seera mana amantaa keenyaatti dursa cuuphaan kan adeemsifamu bishaan mana kiristaanaatii kadhannaa lubootaatin Eebbifameeni. Bishaanichis; Kan Eebbifamu maqaa Abbaa, Ilmaa fii afuura-qulqulluutini.   Room.8:12 
Waalumaagalattii cuuphadhaaf wantoonni barbaachisaa ta’an:-
F Amantaa nama isa cuuphamuu.  mar.16:16  hoj-duuk.2:37 ,8:37 
F Cuuphus kan danda’an luboota qofa. ማቴ.28፡19
F Bishaan.yoh.3:5  hoj-duuk.8:38 effes.5:26  hiz.36:25 
F Maqaa sillaasetiin cuuphamuu. Maat.28:19
       Waggaa cuuphadhaaf murtaa’e. /ለጥምቀት የተወሰነ እድሜ/
 Akka amantaa keenya ortodoksii tawaahidootti waggaan cuuphadhaf murtaa’e daangaa hin qabu. Garuu kitaaba qulqulluu bu’uura godhachuun daa’imni dhalate yoo dhiira ta’e guyyaa afurtamaffaa isaatti, dubara yoo taate immoo guyyaa 80ffaa isheetti akka cuuphaman taasifama.  Sababni isaas:-
G  Abbaan keenya addaam dursa akkuma Uumameen guyyaa afurtamaffaa isaatti, haati keenya heywaanis guyyaa 80ffaa isheetti gara Eedon gannatiitti galan waan ta’eef. kuf.4:9
G  Cuuphadhaaf fakkii kan ta’e dhagna-qabaan kan adeemsifamaa ture daa’immaniif ture.      Luq.2:21 seer-uum.17:12
G  Abdiin fayyinaa namoota of beekaniif qofa osoo hin ta’iin daa’immanis, mootummaa waaqayyootti dhiyeessuf jecha amantaan keenya ni cuuphdi. Yoh.3:5 
G  Waaqayyoon kennaa/ፀጋ/ daa’immanis hindhowwanne. fakkeenyaf raajicha Eermiyaasi/ነቢዩ ኤርምያስ/ fi cuuphdicha yohaannis/መጥምቁ ዮሐንስ/ garaa haadha isaanii keessatti kennaa isaa laatefii jira. Eer.1:4  luq.1:15
G  Sababa Amantii warra isaanitiin daa’imman cuuphamuu isaanii kitaabni qulqulluun nu hubachiisa.
G  Qul.phaawuloosis; isxifaanos,liidiyaa fi waardiyyaa mana adabaa maati isaa hunda waliin cuuphee jira. Hoj-duuk.16:15, 3:31 1ffaa qor.1:16.
 
 Cuuphan meeqa? /ጥምቀት ስንት ናት?/
o   Cuuphan bishaan bool’aan, bishaan lagaan Akkasumas bishaan gosa adda addaan raawwatamtullee tokko. Effe.4:5
 Cuuphan kan irra hin deebi’amneef, yeroo tokko qofa kan ta’eef
*        Warra keenyarraa foonin kan dhalanne yeroo tokko qofa akkuma ta’e hunda, abbaa keenya isa afuuraa irraayis kan dhalannu irra deebi’ii kan hin qabne yeroo tokko qofa. Yoh.3:6
*        Kan cuuphuu qabus lubaa fii luba qofa.
*        Fakkeenya cuuphaa kan ta’e dhagna qabaan yeroo tokko qofa akkuma raawwatamu/እንደ ሚፈጸም/, cuuphanis si’a tokko qofa raawwatama. Qola.2:11 
Waliigala. Cuuphan maqaa Abbaa, ilmaa fi afuura qulqulluutin yeroo sadi cuuphanii ba’uu jechuu, Akkasumas iccitii lammata/ዳግመኛ/dhalatanii ijoollummaa mana waaqayyoo argachuu ittiin dandeenyu dha. Maat.28:19 balbala gara mootummaa waaqayyoo ittiin galluu fii mana kiristaanaa ittiin seennu jechuus ni dandeenya. Yoh.3:6. cuuphan irras hin deebi’amtu,keessas hin deebi’amtu.effe.4:5 

Galmee keessaa barbaadaa

Barumsaalee Tawaahidoo